Meeshaaleen kontirobaandii kan birrii miiliyoona 148 olitti tilmaamaman biyya ollaa Somaaliyaarraa karaa seeraan alaa biyya galan qabaman - ENA Afaan Oromoo
Meeshaaleen kontirobaandii kan birrii miiliyoona 148 olitti tilmaamaman biyya ollaa Somaaliyaarraa karaa seeraan alaa biyya galan qabaman

Caamsaa 25/2015(TOI)- Meeshaaleen kontirobaandii kan birrii miiliyoona 148 olitti tilmaamaman biyya ollaa Somaaliyaarraa karaa seeraan alaa biyya galan waajjira damee gumuruukii Dirreedawaatti qabamuusaanii komishiniin Gumurukii beeksise.
Meeshaalee kontirobaandii qabaman keessaa uffannaa, Elektirooniiksii, meeshaalee jijjiirraa konkolaataa, meeshaalee miidhaginaa, qoricha, meeshaalee nyaatan wal qabatan meeshaalee mana keessaa akka keessatti argaman ibseera.
Meeshaaleen kunneen eeruu ummatarraa argamerratti hundaa’uun hordoffii raayyaan ittisa biyaa, poolisiin federaalaa Itiyoophiyaa fi hojjettoonni komishinii Gumurukii hordoffii waliin taasifamaniin ta’uu dubbataniiru.
Kanneen kontirobaandii deddeebisan kunneen humni farra kontirobaandii akka isaan hordofu wayita hubatan konkolaattota bosona keessa galchuun miliquuf yaalanis taaskifoorsiin hojiirra jiru hordoffii taasiseen to’annaa jala ooluusaanii eerameera.
Komishinichi kanneen duula seera kabachiisuurratti hirmaatan hojjettootaa fi hoggantoota waajjira damee gumuruukii Dirreedawaa, rayyaa ittisa biyyaa, poolisii federaalaa Itiyoophiya fi hawaasa naannawaa galateeffateera.
Tooftaan kontirobaandii fi daldala seeraan alaa kan jijjiiramu waan ta’eef gocha kana dhaabsisuu fi dhiibbaa dinagdee biyyaarraan gahu ittisuuf qooda fudhattoonnii fi hawaasni qoodasaa akka bahu waamicha dhiheesseera.