Namoonni yakka  butii adde Tsaggaa Balaachoon shakkaman 11 to’atamanii qorannaan taasifamaa jira-Biiricha

Caamsaa 25 /2015 (TOI)-  Namoonni yakka  butii adde Tsaggaa Balaachoon shakkaman 11 to’atamanii qoratamaa akka jiran biiroon nageenyaa fi tasgabbii naannoo Sidaamaa beeksise.

Itti gaafatamaan biiroo nageenyaa fi tasgabbii obbo Alamaayyoo Xiimootiyoos dhimmicha ilaalchisuun ibsa miidiyaaleef kennaniin oppireeshinii nageenyaa qindoominaan taasifameen nama shakkamaa Kanaan kan butamte adde Tsaggaa Balaachoo harkaa baasuun danda’amuu dubbataniiru.

Caamsaa 15 bara 2015 hojii baatee gara manaa deemaa osoo jirtuu shakkamaan kun miiltoowwan isaa waliin ta’uun yakka butii raawwachuusaa ibsaniiru.

Dhimmichi gurra poolisii erga gahee kaasee taaskfoorsii hundeessuun adde Tsaggaa Balaachoo shakkamaa harkaa buusuu fi yakkamtoota to’annaa jala oolchuuf yaalii fi hordoffiin qidoomaa taasifamaa turuu dubbataniiru.

Kanaaf ammoo kaameeraan nageenyaa magaalaa Hawaasaatti dhaabame qooda olaanaa taasisuu ibsaniiru.

Shakkamaan kun miiltoowwansaa waliin ta’uun adde Tsaggaa fudhatee kallattii dogogorsuuf Gujii bahaa Booree achii booda Ciroo, Shaafaamoo fi Alattaa Wandoo  geessuun yaalii taasisise keessatti adde Tsaggaarratti miidhaan osoo hingahiin qaamni nageenyaa to’annaa jala oolchuuf qindoominaan hojjechuusaa dubbataniiru.

Humni nageenyaa shakkamaa fi miiltoowwansaa qabuuf hawaasa naannawaa waliin ta’uun yaalii taasifameen miliquu akka hindandeenye yemmuu hubatan adde Tsaggaa Balaachoo gadlakkisuusaanii ibsaniiru.

Poolisiin oppireeshinii amma ammaatti taasiseen dhimmichaan kan walqabatanii fi shakkamoota 11 to’atee qorannaa jalqabuusaa dubbataniiru.

Adde Tsaggaa Balaachoo wayita ammaa nagaa akka taate obbo Alamaayyoon ibsanii, tasgabbooftee qorannoon fayyaa erga taasifameefii booda haqa akka argattu mootummaan naannichaa cimsee nihojjeta jedhaniiru.

Adde Tsaggaa Balaachoo shakkamaa harkaa baasuuf yaali taasifame keessatti tajaajila nageenyaa fi odeeffannoo biyyaalessaa, poolisii federaalaa, humna nageenyaa naannichaa fi ummata galateeffataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015