Jilli Korporeeshinii Misooma Paarkiiwwan Indastirii Chaayinaatti daawwannaa taasisaa jira.

149

Caamsaa 25/2015(TOI)፦ Jilli Korporeeshinii Misooma Paarkiiwwan Indastirii Chaayinaatti daawwannaa taasisaa jira.

 Daawwannaa kanas taasisaa kan jiran hoggantoota fi Korporeshiiniiichatti qajeelcha gabaafi Kominikeeshiidha.

Jilichi daawwannaa kanaan dureeyyoonni Chaayinaa caalaatti Paarkiiwwan Indastirii Itoophoyaa keessatti akka hojjeetanfi haala mijataa hojii Invastimantiif mootummaan Itoophiyaa qopheesseerratti deeyyoota Chaayinaa waliin ni mariyatu jedhameera.

Jilli kun Chaayinaatti Imbaasii Itoophiyaa kan daawwate yoo ta'u, Chaaniyaatti amabaasaaddar Itoophiyaa amabaasaaddar Tafarraa Darriboo waliin dhimma filannoo Invastimatiifi kallattii gara duraatti mariyateera.

Itti gaafatamaan kutaa qajeelcha gabaa fi komunikeeshinii Korporeeshinichaa obno Xaaman Juuneedin fi jilli isaanii waa’ee hojiiwwan haaromsa waliigalaa fi hojiiwwan korporeeshinichaa, akkasumas qophii bara baajataa 2015 ji’oota sagal keessatti invastimantii biyya alaa hawwachuuf taasifame irratti ibsa kennaniiru. 

 Akka odeeffannoo Korporeeshinii Misooma Paarkiiwwan Indaastirii irraa argameetti jilli kun turtii Chaayinaatti taasisu keessatti paarkii industirii adda addaa, naannoo daldala bilisaa fi naannoo invastimantii ni daawwata.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015