Zoonii Igaaditti nageenyii fi tasgabbiin waaraa akka uumamu yaalii taasifamu keessatti miidiyaaleen qooda olaanaa qabu-Ambaasaaddar Mallas Alam

918

Caamsaa 25/2015(TOI)- Zoonii Igaaditti nageenyii fi tasgabbiin waaraa akka uumamu yaalii taasifamu keessatti miidiyaaleen qooda olaanaa ta’uu dubbi himaan ministeera dhimma alaa Ambaasaaddar Mallas Alam ibsan.

Ambaasaaddar Mallas kana kan jedhan leenjii ministeerri dhimma alaa ‘IGAD’ waliin ta’uun akkaataa dhimmoonni nageenyaa fi tasgabbiin itti gabaafamanii fi qooda midiyaalee jedhuun gaazexessitoota miidiyaalee addaddaarraa walitti baba’aniif kennamerratti.

Dubbi himaan kun mata duree “nageenyaa fi tasgabbii waaraaf qooda miidiyaalee” jedhuun barreeffama marii dhiheessaniiru.

Miidiyaaleen ‘IGAD’tti akka zoonii fi akka biyyaatti Itiyoophiyaatti nageenyaa fi tasgabbii waaraa uumuuf yaalii taasifamu keessatti qooda olaanaa akka qaban muuxannoo idil addunyaa dhiheessuun dhiheessaniiru ambaasaaddar Mallas.

Hayyuun nageenyaa fi tasgabbii doktar Yoonaas Adaayyee ibsa haala siyaasaa zoonii ‘IGAD’ yeroo ammaa irratti xiyyeeffate kennaniiru.

Gaanfi Afriikaa zooniiwwan fedhiiwwan addaddaa keessatti calaqqisan keessaa tokko ta’uu doktar Yoonaas Ibsasaanii keessatti kaasaniiru.

Miidiyaaleen odeeffannoo ummataan osoo hingahiin dura karaa ulaagaalee addaddaa maalummaa zoonichaa sirrii ta’e sakatta’uu qabu jedhaniiru.

Haala jijjiirama uumamaa dhimmoota walitti bu’iinsaa fi nageenyaa naannoo ‘IGAD’ akkasumas Itiyoophiyaatti ijaarsa nageenyaa walitti bu’iinsaan boodaa ilaalchisuun doktar Yoonaass ibsa kennaniiru.

Hirmaattonni leenjichaas gaaffilee fi yaada addaddaa kaasanii mariin bal’aan taasifameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015