Deeggarsi Namoomaa kaayyoo barbaadameef akka oolu qindoominaan hojjetamaa jira

Caamsaa 24/2015 (TOI) – Deeggarsi Namoomaa kaayyoo barbaadameef akka oolu dhaabbilee deeggartootaa waliin qindoominaan hojjetamaa jiraachuu Komishiniin Hoggansa Sodaa Balaa beeksiise.

Komishinich ibsa dhimmicha ilaalchisee baaseen,Waliigalteen Piriitooriyaa lammiilee sababa waraanaan miidhamaniif deeggarsa namoomaa dhiyeessuuf haala mijataa uumuu himeera.

Mootummaan Itoophiyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoonaanii fi dhaabbilee deeggartootaa biro waliin ta’uun lammiilee rakkoof saaxilamaniif deeggarsa namoomaa tumsaan dhiyeessaa jiraachuu ibseera.

Qaamolee deeggarsa namoomaa kana kaayyoo barbaadameef ala oolchaan seeraaf dhiyeessuuf Mootummaan Itoophiyaa hoggantoota naannolee waliin xiyyeeffannoon hojjetaa jiraachuu mirkaneesseera.

Deeggarsi namoomaa kun lammiilee miidhamaniif karaa sirrii ta’een akka qaqqabuuf hojmaanni to’annoo fi hordoffii diriiree hojjetamaa jiraachuu eereera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015