Qaamolee ta’e jedhanii odeeffannoo sobaa tamsaasan irratti tarkaanfiin fudhatamaa jiru cimee itti fufa

Caamsaa 24/2015(TOI) - Qaamolee ta’e jedhanii odeeffannoo sobaa tamsaasuun hawaasa burjaajesuuf yaalan irratti tarkaanfiin fudhatamaa jiru cimee kan itti fufu ta’uu Poolisiin Federaalaa beeksise.

Jijjiirama biyyaalessaa hordofee mootummaan gaaffilee ummaataaf deebii laachuuf tarkaanfiwwan fudhataa jiru keessaa tokkoo bakka mirgi namoomaa itti sarbamaa ture Giddu gala qorannoo yakkaa 'Maakalaawwii' jedhamu cuufuu eerera.

Kana hordofee Poolisiin federaalaa hojii qorannoo yakkaa iftoominaa fi itti gaafatamummaa qabu taasiisuuf jijjiirama bu’uuraa taasiseera.

Yaa ta’uutii tibbana namoonni tokko tokko miidiyaa hawaasummaa fayyadamuun ololaa sobaan Poolisiin Fedeeralaa Ajajni qorannoo yakka waliigalaa, shakkamtoota irratti sarbama mirga namoomaa qaqabsiiseera jechuun maqaa gaarii dhaabbaticha balleessaa jiraachuu himeera.

Namonni kunneen kanneen yakka shororkeessumman shakkamanii barbadaman keessaa isaan tokko ta’uu himeera.

Namoota dhuunfaa yakka shororkeessummaan shakkamanii to'annoo jala oolan irratti qorannoo gaggeeffamaa jiru gufachiisuuf tarkaanfii raawwatamaa jiru ta’uus hubachiiseera.

Haa ta’uu malee Poolisiin Fedeeralaa Qorannoo shororkeessitoota irratti eegalee cimsee kan itti fufu ta’uu ibsuun, hawwasni ololaa sobaan oso hin burjaajai’in odeffaannoo sirrii qaama dhimmi ilalaaturraa argachuu akka danda’u yaadachiisuu ragaan Poolisii Fedeeralaarra argame ni mul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015