Godina Shawaa Lixaatti ganna dhufu dubartiitaa fi daa’imman harkaqalleeyyii f tajaajila tola ooltummaa birrii miiliyoona 225tti shalagamu hojjechuuf qophiin taasifamaa jira

Caamsaa 24/2015 (TOI)- Godina Shawaa Lixaatti ganna dhufu dubartiitaa fi daa’imman harkaqalleeyyii f tajaajila tola ooltummaa birrii miiliyoona 225tti shalagamu hojjechuuf qophiin taasifamaa akka jiru waajjirri dubartootaa fi daa’immanii godinichaa ibse.

Waajjirichatti dursituun garee sosochii dubartootaa adde Askaalech Qana’aa TOI’f akka himanitti, ganna dhufu dubartootaa fi daa’imman sababa addaddaatiin rakkoof saaxilaman tajaajila tola ooltummaandeeggaruuf qophiin taasifameera.

Haala Kanaan godinichatti dubartootaa fi daa’imman baadiyyaa fi magaalaa kuma 176 fi 546 fayyadamoo taasisuuf yaadamee sochiin jalqabamuusaa himaniiru.

Tajaajila tola ooltummaa Kanaan hojiiwwan tola ooltummaa birrii miiliyoona 225tti tilmaamamu tola ooltotaan hojjechuuf hojjtamaa jira jedhaniiru.

Haala Kanaan ijaarsa mana jireenyaa dubartoota harka qalleeyyii 177, dubartoota qoraan dugdatti baatanii jiraatan 585’f gaarii fardaan harkifamu bituun deeggaruuf karoorfamuusaa beeksisaniiru.

Kana malees dubartootaa fi daa’imman mana sirreessaa godina Shawaa lixaatti argamaniif uffannaa dabalatee deeggarsa addaddaa taasisuuf karoorfamuusaa dubbataniiru.

Akkasumas dubartootaa fi daa’imman 184 daanddiirraa kaasuun akka bayyanatan taasisuuf yaadamuusaa dubbataniiru.

Dabalataanis daa’imman barnootarra jiran kanneen nama isaan hingargaaran hinqabne meeshaa barnootaa guutuun akka baratan gochuunis akkanuma.

Jiraataan magaalaa Amboo barataan kutaa sagalii Alamuu Mararaa waggaa darbe tola ooltotaan deeggarsa meeshaa barnootaa argachuusaa ibseera.

Haala Kanaan barumsasaa xiyyeeffannaan hoordofuusaa dubbatee, tajaajilli tola ooltummaa cimuu qaba jedheera.

Adde Amanush Nugusee gamasaaniin daa’imasaanii waliin mana diigamaa jiru keessatti rakkachaa akka turan yaadatanii, ganna darbe dargaggoonni manasaanii akka haaromsaniif ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015