Finfinneetti caalbaasiin liizii lafaa waggoota shaniif adda citee ture jalqabame. - ENA Afaan Oromoo
Finfinneetti caalbaasiin liizii lafaa waggoota shaniif adda citee ture jalqabame.

Caamsaa 24/2015 (TOI):- Bulchiinsa magaalaa Finfinneetti biroon bulchiinsaafi misooma lafaa waggoota shanaan darbaniif adda citee kan ture caalbaasii liizii lafaa har'a jalqabsiiseera.
Kana hordoofuun biirichi kutaa magaaloota hundaatti lafa heekataara 14.13 caalbaasii liiziif dhiheesuuf qophaa'uu beeksiseera.
Lafti caalbaasiif qophaa'ee kun bakka hojii faayidaa biyyaaf oluu yoo ta'u tajaajila adda addaaf kan ooluu kan danda'udha jedhameera.
Kutaa magaalootaa kudha tokko keessatti sanadni caalbaasii kuma 24 erga qophaa’ee booda guyyoota kudhaniin booda sanadoonni caalbaasii kuma 21 fi 636 gurguramuu isaaniis eerameera.
Caalbaasiin jalqabaa har'a kutaa magaalota torba keessatti; Kutaa magaalaa Boolee, Nifaas silki Laaftoo, Lidataa Addis Katamaa, Qirqoos Gulallee Eekkaatti eegalameera.
Kutaalee magaaloota kanatti, dorgomtoonni kuma 2 fi 852 sanada caalbaasii isaanii saanduqa caalbaasiitti galchaniiru.