Hojiin Itoophiyaan sagantaa ashaaraa magariisaan hojjechaa jirtu biyyoota Afrikaa biroof fakkeenya kan ta'udha.

289

Caamsaa 24/2015 (TOI) - Hojiin Itoophiyaan sagantaa ashaaraa magariisaan hojjechaa jirtu biyyoota Afrikaa biroof fakkeenya kan ta'u ta'uu Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Komishiinii Dinagdee Afrikaatti daareektarri tekinolojii, jijjirama qilleensaafi qabeenya uumamaa Zoon Pool Adaam himan.

Daarekatarichii TOItti akka himanitti, sagantaan Ashaaraa magariisaa Itoophiyaan hojjechaa jirtu kununsa heddummina qabeenya umamaaf gahee olaanaa qaba.

Kana qofaa osoo hin taane fayyadamummaa dinagdee mirkaneesuufi haala jireenyaa foyyeessuu hojii hojjetamu kan of keessatti hammatedha jedhaniiru.

Akka fakkenyaatti hojiin kun carraa hojii namoota hedduuf uumuu dandeesisufi buna oomishufi fayidaa dinagdee biroof kan oolu ta'uu eeraniiru.

Kana cinaattis hojii Itoophiyaan kununsa sululaawwaniin qabeenya bishaanii kununsuuf hojjechaa jirtu kan dinqisiifatan ta'uu eeraniiru.

Kanaaf hojiin sagantaa ashaaraa magariisaan Itoophiyaan hojjechaa jirtu kun hojii biyyoonni Afrikaa biroon akka fakkeenyaatti fudhachuu qabanidha jedhaniiru.

Dhaabbanni isaanis ifaajee Itoophiyaan gama kanaan gochaa jirtu akka deeggaru himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015