Hooggantoonni mootummaa olaanoo federaalaa fi naannoo agarsiisa saayinsii qonnaa daawwatan

142

Caamsaa 24/2015 (TOI)- Hooggantoonni mootummaa olaanoo federaalaa fi naannoo agarsiisa saayinsii qonnaa muuziyeemiitti baname daawwatan

Ministirri maallaqaa obbo Ahimad Shiidee, ministirri pilaanii fimisoomaa doktar Fitsum Asaffaa, pirezidaantiin naannoo Sidaamaa obbo Dastaa Leedaamoo fi itti aanaan pirezidaantii naannoo kibba lixaa Itiyoophiyaa doktar Injiinar Nagaash Wageeshoo dabalatee hooggantoonni mootummaa olaanoo kanneen biraa daawwannaa kanarratti argamaniiru.

Daawwannaa Kanaan cinaatrtis agarsiisa bu’aalee dhaala leemaataa naannolee Sidaamaa fi  ummattoota kibba lixaa Itiyoophiyaan dhihaate muuziyeemii saayinsiitti eebisanii bananiiru.

Qurxummii, damma, kuduraa fi muduraa dabalatee bu’aaleen qonnaa kanneen biroo agarsiisa naannolee lamaan qophaa’e kanarratti dhihaataniiru.

Agarsiifni saayinsii qonnaa mata duree “laaboraatooriirraa maasaatti” jedhuun qophaa’e torbee sadan darbaniif muuziyeemii saayinsiitti adeemsifamaa jira.

Ministeerri qonnaa, Inistiitiyuutiin tiraanisfoormeeshinii qonnaa fi Itiyoo Telekoom waliin ta’uun adgarsiisa kana qopheessaniiru.

Oomishoonni, teeknooloojiiwwan qonnaa fi bu’aaleen qorannoo agarsiisa kanarratti daawwattootaaf banaa taasifamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015