Naannoo kibbaatti lafa hektaara miliyoona 1.2 irraatti midhaan gosa adda addaa misoomsuuf karoorfameera

308

Caamsaa 23/2015 (TOI): Naannoo kibbaatti bara oomishaa 2015/2016 lafa heektaara miiliyoona 1.2 irratti midhaan gosa adda addaa misoomsuuf karoorfamuu Biiroon qonnaa naannichaa beeksise.

Waltajjiin sosochii qonna waqtii gannaa kan bara 2015/2016 magaalaa Buttaajiraatti geggeeffama jira.

Waltajjii sosochii kanarratti Sadarkaa itti aanaa Pireezidaantiitti qindeessaan kilaastera misooma baadiyyaafi hogganaan biiroo Qonnaan naannichaa obbo Usmaan Suruur akka jedhanitti, hojii qonna yeroo gannaaf qophiin gahaan taasifamaa jira jedhaniiru.

Waqtii kana naannichatti lafa heektaara kuma 951 irratti midhaan gosa adda addaa, kan hafemmoo kuduraaleefi mudaralee addaan kan misooman ta'uu himaniiru.

Laftii misoomni midhaanii bara kana irratti geggeeffamuuf karoorfame kan bara darbeen wal bira qabamee yoo ilaalamu heektaara kuma 200 caalmaa kan qabu ta'uu himaniiru.

Akka obbo Usmaan himanitti muuxannoo gaarii bara darbee fudhachuun rakkoowwan turan immoo furuun bu'aa caalmaaf hojjetamaa jiraachuu waltajjicharratti himaniiru.

Milkaa’ina karoorichaaf sanyii filatamaafi xaa'oon dursa akka rabsamu taasifamuu eeranii, hanqina xaa’oo biyyee jiru furuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Oomisha waqtii gannaa oomishuuf karoorfamerra callaa kumtaala miliyoona 97.5 walitti qabuuf karoorfamuu himaniiru.

Waltajjicharratti hoggantoonni fi ogeeyyiin damee hojii qonnaa, godinaalee, Aanaaleefi gandootarraa walitti dhufan hirmaataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015