Ogeeyyiin Kominikeeshiniifi Miidiyaa milkaa’ina sosochii Itoophiyaan haa oomishituuf gahee ogummaa isaanii bahachuu qabu

148

Caamsaa 23/2015 (TOI):- Ogeeyyiin Kominikeeshiniifi Miidiyaa milkaa’ina sosochii Itoophiyaan haa oomishituuf gahee ogummaa isaanii bahachuu akka qaban Ministeerri Industirii hubachiise.

Waggaa tokko darbe keessaatti milkaa'ina Itoophiyaan haa oomishituufi kallatti gara fuula duraatti waltajjiin hubannoo uumuu ogeeyyii miidiyaaleefi kominikeeshinii Adaamaatti qophaa'eera.

Ministeera Indaastiriitti Daarekatarri olaanaa Instiitituyitii misooma Indaatiriifi bakka bu'aan ministirichaa doktar Milkeessaa Jaagamaa waltajjii kanarratti akka himaniitti, sosochiin Itoophiyaan haa oomishituu waggaa tokko darbe kana keessatti akka milkaa'uuf gaheen ogeeyyiin miidiyaafi Kominikeeshiinii bahatan guddadha.

Sosochiin kun osoo hin jalqabiin dura sababa humna dhabuun, hanqina dhiheessii galteewwaniin, rakkoo dhiheessii lafaafi faayinaansiin humni oomishitummaa indastiriiwwanii harka 50 gad akka ture himaniiru.

Sosochii kanaan ijaarsa dandeettii walitti hidhame, deeggarsa maallaqaa fi galteewwa industirii fi dhaabbileef taasifameen dandeettiin oomishaa isaanii guddisuu qofa osoo hin taane, oomisha bakka bu’aa qulqullina qabu oomishuuf danda’aniiru jedhaniiru.

Milkaa'ina Sosochii Itoophiyaan haa oomishituu kana gara fuula duraattis ogeeyyiin miidiyaafi kominkeeshinii gahee ogummaa isaanii akka bahan gaafataniiru.

See insights and ads

Boost post

Like

Comment

Share

 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015