Naannoo Beenishaangul Gumuzitti waqtii gannaa kana lafa heektaara kuma 50 ol irratti Qamadii misoomsuuf qophiin taasifameera.

118

Caamsaa 23/2015 (TOI): - Naannoo Beenishaangul Gumuzitti bara kana waqtii gannaa lafa heektaara kuma 50 ol irratti Qamadii misoomsuuf qophiin taasifamuu Biiroon Qonnaafi Kununsa qabeenya uumamaa naannichaa beeksiseera.

Naannichatti bona darbe yeroo jalqabaaf Qamadii jallisiin misoomsuun jalqabamuu biirichi beeksiseera.

Muuxannoo kana babal’isuun, waqtii gannaa bara 2015/2016tti naannichatti lafa heektaara kuma 50 ol irratti Qamadii misoomsuuf qophiin gahaan taasifamuu Itti aanaan Biiroo Qonnaa naannichaa obbo Axinaafuu Baabur TOItti himaniiru.

Kanaafis galteewwan oomishaaf barbaachisan dhihaachaa jiraachuufi qonnaan bultoonni 60,000 misooma qamadii kanarratti hirmaatan adda baafamuu beeksisaniiru.

Isaan keessaa qonnaan bultoonni kuma 16 ol ooyiruu isaanii qopheesuu dabalatee qophii adda addaa taasisuu himaniiru.

Oomisha Qamadii waqtii bonaa oomishame keessaa harka 70 kan ta'u sanyiif akka ooluu qonnaan bultoota waliin walii galteerra gahamuus himaniiru.

Itti aanaan itti gaafatamaa Biiroo Qonnaa fi Misooma Qabeenya Uumamaa akka himanitti naannichatti qamadii ganna kana lafa heekataaraa kuma 50 irratti misoomurraa callaa kumtaalaa miliyoona 2 walitti qabuuf karoorfameera.

Misooma qamadii kana bu’a qabeessa taasisuuf qonnaan bultoota yeroo jalqabaaf oomisha qamadii irratti hirmaatan torbee dhufu wiirtuu leenjii qonnaan bultootaatti leenjiin qabatamaan akka kennamuufi jalqabamu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015