Godina Booranaatti bokkaa dhiheenya roobeen nyaanni beelladaafi salxini oomishameera.

177

Caamsaa 23/2015(TOI) - Godina Booranaatti bokkaa dhiheenya roobeen nyaanni beelladaafi salxini oomishamuu Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad beeksisan.

Ministirri Muummee odeeffannoo karaa toora miidiyaa hawaasummaa isaanii qoodaniin Godina Booranaatti oomishinni Nyaata Beelladaafi Saliixaa waggaa osoo hin guutiin hongeerraa damdamachuun gara oomishitummaatti ce'uun akka danda'amu kan agarsiisudha ta'uu beeksisaniiru.

Dabalataan '' Aadaa hojii kan fayyadamuun malaa bishaan kuusuufi qusachuun yeroo rakkoo osoo hin rakkatiin keessa darbuu akka dandeenyu agarsiiftuudha'' jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015