Godina Shawaa Bahaatti qonna waqtii gannaan laftii heektaaraa kuma 538 ol irraa sanyii midhaan adda addaa facaasuuf qophiin taasifameera.

130

Caamsaa 23/2015(TOI) - Godina Shawaa Bahaatti qonna waqtii gannaan laftii heektaaraa kuma 538 ol irraa sanyii midhaan adda addaa facaasuuf qophiin taasifamuu Waajjirri Qonnaa godinichaa beeksise.

Godinicha aanaa Adaamii Tulluu Jiddoo Kombolchaa ganda Yaasoo Qancaraatti qonni waqtii gannaa bifa 'makaanayizid' ta'een jalqabeera.

Itti gaafatamaan waajjira Qonnaa godina Shawaa bahaa obbo Masfin Tashoomee TOItti akka himanitti godinichatti bara kana qonnii waqtii gannaa harka caalaan karaa tekinolojiin deeggarameen hojjetama.

Bara darbee hojiin qonna makaanazeeshiniin hojjetamuu harka 68 kan ture yoo ta'u bara kana gara harkaa 85tti guddisuuf hojjetamaa jiraachuu akka fakkeenyaatti eeraniiru.

Haaluma kanaan bara kana qonna waqtii gannaan lafa heekataara kuma 538 oomishaa sanyii midhaanii akka addaa irra facaasuuf qophiin taasifamaa jiraachuu himaniiru. Misooma qonnaa kanarraas callaa kumataala miliyoona 16.1 argachuuf karoorfamuu himaniiru.

Karoorri kun akka milkaa'uuf qonnaan bultoonni kanfaltii dura harka 30 qofaa kanfaluun tiraakteera qonnaa liqaan akka bitatan taasifamuufi kanneen biroon immoo kiraan akka argatan haalli mijachuufii himaniiru.

Babal’inni qonna makaanaayizeeshiniif deeggarsa tajaajila ekisteenshinii walitti hidhame kennuu, oomishaa fi oomishtummaa fooyya’aa akka jiraatu haala mijeessuu fi qonnaan bultoonni lafa qofa qofaatti qaban bakka tokkotti fiduun kalaateraan akka hojjetan taasisuun oomishitummaan akka dabaluu galee olaanaa akka qabu himaniiru.

Yeroo ammaa qonna waqtii gannaa xaa'oo biyyoo godinicha barbaachisu kumtaalaa kuma 800 keessaa kumtaalli kuma 500 qonnaan bultootaaf qoodamuu himanii, haalu walfakaatuun sanyiin filatamaas dhihaachaafii jira jedhaniiru.

Yeroo ammaa godinichatti lafti heektaarri kuma 80 ta'u sanyiin boqqoolloo irra facaafamee haala gaariirra jiraachuu himanii, bara kana lafa heektaaraa kuma 250 irra qamadii facaasuuf qophiin taasifamuu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015