Tamsaasa Kallatti:

Wixinee labsii barnoota olaanoo, leenjii tekinikaafi ogummaa dhaabbilee qorannoo fi walitti hidhamiinsa industirii irratti waltajjiin marii ummataa gaggeeffamaa jira

Caamsaa 23/2015 (TOI):- Koreen Dhaabbii Dhimmoota Misooma Qabeenya Namaa, Bobbii hojii fi Teeknooloojii Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa mariin uummataa dhimma Wixinee labsii barnoota olaanoo, leenjii tekinikaafi ogummaa dhaabbilee qorannoo fi walitti hidhamiinsa industirii irratti qopheessee geggeeffama jira.

Lammiileef carraa hojii uumuu fi beekumsa dabarsuudhaaf bu’aa qorannoo barnoota olaanoo industirii waliin walitti hidhuun barbaachisaa ta’uu labsichi ni eera.

Labsiin kun damee kanarratti bu’aa fooyya’aa fiduuf akka gargaaru hubatameera.

Guyyoota muraasa dura Koreen Dhaabbii wixinee labsii kanarratti qooda fudhattoota waliin marii taasisuun isaa ni yaadatama.

Kana malees, Koreen Dhaabbii Baasii Mootummaa, Bulchiinsaa fi To’annoo Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa gabaasa odiitii hojii bara 2013/2014 ijaarsi Giddugala Haadhoolii fi Daa’immanii Kolleejjii Mileniyeemii Hospitaala Qulqulluu Phaawuloos bu'a qabeessuummaa dinagdee fi bu’a qabeessa ta’uu fi dhiisuu isaa irratti mari’achaa jira.

See insights and ads

Boost post

Like

Comment

Share

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015