Magaalichatti kanneen karaa seeraan alaa hojii fe'umsaa fi buusuurratti hawaasa rakkisan irratti tarkaanfiin fudhatame

81

Caamsaa 22/ 2015 (TOI) – Magaalaa Finfinneetti kanneen Tajaajila Meeshaalee fe'uu fi buusuurrarri gatii hin malle  gaafachuun hawaasa rakkisan irratti tarkaanfiin fudhatamuu Biiroon Bulchiinsaa fi Nageenyaa Magaalichaa beeksise.

Hoggantuun biirichaa dhimicha ilaalchisuun ibsa miidiyaaleef kennaniin magaalicha bakkee adda addaatti kanneen karaa seeraan alaa gurmaa'anii hojii fe'uufi buusuu hojjetan gatii hin malle gaafachuun hawaasa rakkisaa jiraachuun barameera jedhan

Keessaayyuu naannaawwa manneen waliin jireenyaatti rakkoon kun kan cimu ta'uu eeranii, dhimmicha ilaalchisuun waldaalee 44 jalatti gurmaa'anii hojii fe'uufi buusuu kan karaa seeraam alaa hojjetan miseensoonni isaanii 505 seeraan akka gaafataman taasifamuu himaniiru.

Dabalataan kanneen tajaajilamtoota irratti yakka reebichaafi mirgoota biroo sarban 97 to'annaa seenaa jala oolfamuu himaniiru. 

Gara fuula durraattis tarkaanfiin seeraa barbaachisu fudhachun kan itti fufu ta'uu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015