Komishiinii Poolisii Federaalaatti Komishinaar janeraal Dammallaash Gabramikaa'eel ajajaa poolisii biyyaaleessaa Somaaliyaafi Itti aanaa ajajaa Poolisii biyyaalessa Jibutii waliin mariyatan

93

Caamsaa 22/2015 (TOI) -  Komishiinii Poolisii Federaalaatti Komishinaara janeraalafi Pirezidaantii Dhaabbaata Gamtaa ajaja Afrikaa bahaa kan yeroo ammaa Dammallaash Gabramikaa'eel  ajajaa poolisii biyyaaleessaa Somaaliyaa Birgaader jeneraal Suluub Ahmadiifi  Itti aanaa ajajaa Poolisii biyyaalessa Jibutii Koloneel Umar Huseen waliin  waajjira isaaniitti mariyatan

Marii kanaan ardichatti shororkeessummaafi  yakkoota gareen daangaa ce'aamanii raawwataman  qindoomina sadeen ittisuuf walii galaniiru.

Dabalataan humna qondaaltota poolisii biyyoota sadanii cimsuurratto dhimmoota xiyyeeffatan irratti mariyataniiru.
Dhimma kanarratti gara fuula duraatti Jibutiitti waliigaltee mallateessuuf waliigaluu ragaan Poolisii Federaalaarra argame ni mul'isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015