Naannoo Affaaritti dhaabbileen Bishaanii 196 suphamuun tajaajila kennuu jalqabuu biiroon Bishaaniifi Inarjii beeksise.

144

Caamsaa 22/ 2015 (TOI) - Naannoo Affaaritti dhaabbileen Bishaanii 196 suphamuun tajaajila kennuu jalqabuu biiroon Bishaaniifi Inarjii beeksise.

Dhaabbileen suphamanii tajaajilaaf gahan kunneen dhaabbilee miidhaan irra gahee ture 293 keessaa ta'uu biirichi beeksiseera.

Hogganaan biirichaa obbo Ahmad Shaamii TOItti akka himaniitti dhaabbileen suphamanii tajaajilaaf gahan kunneen deeggarsa Ministeera Bishaaniifi inarjiifi qaamolee dhimmi ilaallatu walin biirichi hojjeteen ta'uu himaniiru.

Dhaabbilee hafanis suphiin tajaajila jalqabsiisuuf tattaaffiin godhamaa jiraachuu hogganichi himaniiru.

Godinaalee afuritti dhaabbilee bishaaniirraa miidhaan gahee birrii biliyoona 1.8 ol kan baasu ta'uu qorannoon barameeras jedhaniiru.

Dhaabbileen bishaanii suphamanii tajaajilaaf gan kun birrii miliyoona 356 kan suphaman yoo ta'u, kanaanis lammilee kuma 831 fayyadamoo akka ta'an taasisuu danda'amuu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015