Manni marichaa wixinee labsii gibira osoo hin kaffalamiin bubbule hambisuu fi waliin dhahiinsa taaksii irratti raawwatamu ittisuuf dhiyaate qorachuun sagalee guutuun raggaase

559

Caamsaa 22/2015(TOI) – Manni maree Bakka Bu'oota Uummataa wixinee labsii gibira osoo hin kaffalamiin bubbule hambisuu fi waliin dhahiinsa taaksii irratti raawwatamu ittisuuf dhiyaate qorachuun sagalee guutuun raggaase.

Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataatti Walitti Qabaan Koree Dhaabbii Pilaanii, Baajataafi Faayinaansii Obbo Dassaaleny Wadaajee wixinee labsichaa ilaalchisuun gabaasafi yaada murtee dhiyeessaniiru.

Mootummaan Itoophiyaa fi mootummaan Giraand Duuchii Lukzambargii giddutti gibira galii osoo hin kaffalamiin bubbule hambisuu fi waliin dhahii taaksii irratti raawwatamu ittisuuf waliigaltee dhiyaate cimsuuf wixinee labsii hamattoo seeraa uumuuf kan yaaddame ta’uu obbo Dassaaleny eeraniiru.

Barbaachisummaa wixinee labsicharratti Walitti Qabaan Koree Dhaabbichaa, Gorsaa Ministeera Maallaqaa waliin waltajjii gara garaarratti mari’achuun eerameera. Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataarraa odeeffanne.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015