Balaa konkolaataan lubbuun namoota 6 darbe

3080

Caamsaa 21/2015 (TOI) – Naannoo Harariitti balaa Tiraafikaa qaqqabeen lubbuun namoota 6 darbuu Komishiniin Poolisii naannichaa beeksiise.

Balaan kun kan qaqqabee kaleessa galgala harkan saatii 4:30tti  ganda Soofa  qilee bakka jedhamutti akka ta'ee Komishiinii poolisii naannichaatti qorataan olaanaa balaa Saajin olaanaa Raastaam Mazihaar himaniiru.

Konkolaataan fe'umsaa Azuuzuu lakkoofsa gabatee 3- 88036( Oro) meeshaa fe'ee Awwadaay irraa gara Jijjigaadeemu jiraatoota naannaawwichaa hamaamoota missirroo cidharra jiran waliin jiranitti bu'uun daandiirra bahee garagaluun balaa kun mudachuu himaniiru.
 

Balaa kanaan namoota umuriin isaanii waggaa 20 hanga 25 ta'uu kanneen cidharra jiran jaha lubbuun isaanii darbuu himanii kanneen keessaas shan dubartoota ta'uu himaniiru.

Dabalataan namoota 8 irra balaan salphaafi cimaan kan gahe yoo ta'u hospitaalatti waldhaansi fayyaa taasifamaafii jiraachuu himaniiru.

Yeroodhaaf konkolaachisaan konkolaticha oofuu kan miliqe yoo ta'uu to'annaa jala oolchuuf hordoffiin taasifamaa jiraachuu himaniiru.

Sababni balichaas qoratama jiraachuu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015