Jaappaan deeggarsa misoomaa Itoophiyaaf taasiftu cimsitee itti fufti.

163

Caamsaa 21/2015(TOI) - Jaappaan deeggarsa misoomaa Itoophiyaaf taasiftu cimsitee kan itti fuftu ta'uu Itoophiyaatti ambaasaaddarri Jaappaan Itoo Takaakoo beeksisan.

itti fufti.

Naannoo Oromiyaa Godina Arsii Lixaa aanaa Nagallee Arsiitti jiddugalli leenjii qonnaan bultootaa deeggarsa mootummaa Jaappaan birrii miliyoona 13'n ijaarame xumuraamee wal harkaa fuudhinsii taasifameera.

Sagantaa wal harkaa fuudhinsaa kanarratti hoggantoonnii hojii mootummaa Federaalaafi naannoo Oromiyaa akkasuma hawaasni naannaawwaa argamaniiru.

Itoophiyaatti amabaasaaddarri Itoophiyaa Itoo Takaakoo sirna kanarratti akka himanitti, walitti dhufeenyii Itoophiyaafi Jaappaan waggoota 65 lakkoofsiseera.

Waggoota kana keessaatti mootummaan Jaappaan hojiiwwan misoomaa hudduu Itoophiyaatti hojjetaman deeggarsaa tureera jedhaniiru.

Jiddugalli Leenjii Qonnaan bultootaa Godina Arsii GANDA Xurgee gaalootti hojjetamees hojiiwwaan kanneen keessaa tokko ta'uu eeraniiru.

Jiddugallii kun deeggarsa mootummaa Jaappaaniin kan ijaarame yoo ta'uu hojiin isaa waggaa tokko keessatti xumurame jedhameera.

Gara fuula duraattis hojiiwwaan akka kanaa naannoo Oromiyaafi Amahaaraatti babal'isuun jireenyaa qonnaan bultootaa fooyyeesuufi qonnaa ammaayyeessuuf hojii hojjetamu deeggaru itti fufti jedhaniiru.

Hojiiwwan misoomaa Itoophiyaatti hojjetama kanneen biroos Jaappaan deeggaruu kan itti fuftu ta'uu eeraniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015