TOI odeeffannoo dhaqqabamaa taasisuu qofaa osoo hin taane ogeeyyii kominikeeshinii leenjisuu keessattis gaheesaa bahaa jira.

213

Caamsaa 21/2015 (TOI):- Tajaajilli Oduu Itoophiyaa odeeffannoo dhiheesuu qofaa osoo hin taane ogeeyyii kominikeeshinii leenjisuu keessattis gaheesaa bahachaa jiraachuu Hoji geggeessaan olaanaa Tajaajilichaa obbo Saayfee Darribee himan.

Diraga hojii fi itti gaafatamummaa TOI'f labsiin kenname keessaa tokko leenjii ogummaa miidiyaa fi ogeeyyii qunnamtii hawaasaaf qopheessuudha.

Haaluma kanaan Tajaajilichi kanaan dura ogeeyyii qunnamtii hawaa dhaabbalee adda addaa keessa hojjetaniif leenjii kennaa kan ture yoo ta'u ,guyyaa har'aas ogeeyyii qunnamtii uummtaafi kominikeeshii Ministeera Galiiwwaniif leenjii ogummaa kunnuu jalqabeera.

Lenjichi marsaa lamaan guyyoota shaniif kan kennamu ta'uu sirna jalqabsiisa leenjii kanaarratti himameera.

Sirna kana kan jalqabsiisaan hoji geggeessaan olaanaa Tajaajila Oduu Itoophiyaa Obbo Saayfee Darribee leenjin kun dhaabbileen lamaan carraa muxannoo waliif qoodu argatanidhas jedhaniiru.

Dhaabbileen lamaanuu akka biyyaatti dameewwaan hedduu kan qaban waan ta'eef waajjiraalee bakka adda addaa jiran kana waliin qindoominaan hojjechuuf carraas kan uumu ta'uu eeraniiru.

Leenjii yaad rimee leenji'aan qabatamaan kutaa hojii TOI keessatti akka leenji'aan himaniiru.

Tajaajilli Oduu Itoophiyaa odeeffannoo dhaqqabamaa taasisuu qofaa osoo hin taane ogeeyyii kominikeeshinii leenjisuu keessattis gaheesaa bahachaa akka jiru himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015