Ministirri Qonnaa Dr. Girmaa Amantee hoggantoota Baankii Addunyaa waliin mariyatan. - ENA Afaan Oromoo
Ministirri Qonnaa Dr. Girmaa Amantee hoggantoota Baankii Addunyaa waliin mariyatan.

Caamsaa 21/2015 (TOI) - Ministirri Qonnaa Dr. Girmaa Amantee hoggantoota Baankii Addunyaa waliin mariyatan.
Ministeerri Qonnaa Itoophiyaatti damee qonnaarratti hojiiwwan hojjetaman irratti hoggantoota hojii Baankii Addunyaa waliin qindoominaan hojjechaa jiraachuun ibsameera.
Jijjira Qilleensaa, Nyaataafi nageenya nyaataa, Nageenya biyyoorratti, qabinsaafi ittifayyadama qabeenya bishaanii, hojii invastimantii dhuunfaa akkasuma dhiheessii fi tajaajila faayinsaansii baadiyyaa qonnaan bultootaafi horsiisee bultootaan gahuurratti mariyatamuun himameera.
Pirojeektootaafi sagantaalee deggarsa maallaqaa Baankii Addunyaan damee qonnaarratti hojjetaman irratti mariyamuu odeeffannoo toora miidiyaa hawaasummaa Ministeericharra argame ni mul'isa.