Yaa'iin Carraa Hojii Uumuu Afrikaa Itoophiyaatti geggeeffamuuf jira jedhame.

242

Caamsaa 21/2015(TOI) - Yaa'iin Carraa Hojii Uumuu Afrikaa Waxabajjii 30 hanga Adooleessa 2/2015tti Itoophiyaatti geggeeffamuuf jira jedhame.

Walga'iin duraa foramichaa bakka dippiloomatoonnii, bakka bu'oonnii dhaabbilee idil addunyaafi qooda fudhatoonni biroon argamanitti Finfinnee Dhaabbaata Mootummoota Gamatoomanitti galma Komishiinii dinagdee Afrikaatti geggeeffameera.

Deetaan ministira Hojiifi ogummaa obbo Nugusuu Xilahuun Afrikaatti humna namaa oomisha oomishuu danda'u guddachaa dhufe guddina dinagdee Afrikaaf akka carraatti itti fayyadamuun barbaachisaadha jedhaniiru.

Mootummaan Itoophiyaa hojii dargaggootaaf carraa hojii uumuurratti xiyyeeffannnoon hojjechaa jiraachuu himanii, kanaafis karoora carraa hojii uumuu biyyaaleessaa hojiirra oolchuun akka fakkeenyaatti kan eeramudha jedhaniiru.

Afrikaatti akkuma walitti hidhamnisa gama dinagdeen jiru cimsuuf hojjetamaa jiru carraa hojii dargaggootaaf uumuurrattis qindoominaan hojjechuu akka barbaachisu eeraniiru.

Kanarratti Karoora waliin baasuufi hojiirraa oolchuuf kan dandeesisuu Adooleessa dhufu yaa'iin carraa hojii uumuu akka aardichaatti qophaa'e gahee olaanaa akka qabu obbo Nugusuun himaniiru.

Yaa'ii Waxabajjii 30 hanga Adooleessa 2/2015tti geggeeffamu kana milkeesuuf mootummaan Itoophiyaa ciminaan kan hojjetu ta'uu himanii qaamoleen dhimmi ilaallatu biroonis deeggarsa barbaachisu akka taasisan waamicha taasisaniiru.

Dhaabbata mootummoota gamtoomaniitti Itti aanaan eeggataa barreessaa olaanaa Komishinii Diinagdee Afrikaa Antooniyoo Peedroo akka jedhanitti, bara 2035tti lakkoofsi hojjettoota oomishaa Afrikaa miiliyoona 450 ni ga’a jedhamee eegama.

Kanaaf biyyoonni baay’ina hojii barbaaddotaa saffisaan guddachaa jiruuf tarsiimoo bocuun filannoowwan carraa hojii uumuu Afrikaa keessatti fayyadamuu qabu jedhaniiru.

Qaxanaan Daldala Walaba Ardii Afrikaa carraawwan gurguddoo keessaa isa tokko ta’uus mootummoonni kutannoon akka hojjetan dhaamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015