Naannoo Harariitti ijaarsa hidha haaromsaaf baatii shan keessatti birriin miiliyoona 3 ol sassaabame - ENA Afaan Oromoo
Naannoo Harariitti ijaarsa hidha haaromsaaf baatii shan keessatti birriin miiliyoona 3 ol sassaabame

Caamsaa 21/2015(TOI)- Naannoo Harariitti ijaarsa hidha haaromsaaf baatii shan keessatti birriin miiliyoona 3 ol sassaabamuusaa waajjirri qindeessaa ummataa hidha haaromsaa giddichaa naannichaa beeksise.
Itti gaafatamaan waajjira komunikeeshinii mootummaa fi waajjira qindeessaa ummataa hidha haaromsaa Itiyoophiyaa guddichaa naannichaa obbo Heenook Muluneeh akka jedhanitti, bara bajataa kanatti hawaasni hidha haaromsaaf deeggarsa taasisu aka itti cimsu hojjetamaa tureera.
Haala Kanaan baatii Muddee amma Ebla 2015 baatii shan keessatti bittaa boondii fi kennaadhaan birrii miiliyoona 3 ol sassaabamuusaa dubbataniiru.
Hawaasni hundi amma hidhi haaromsaa xumuramutti waliin ta’uun deeggarsa taasisu cimsee akka itti fufuu akka qabu hubachiisaniiru.
Gumaachi jiraattonni naannichaa ijaarsa hidha haaromsaaf taasisaa turan “seenaa dhaloota boonsudha” kan jedhan obbo Heenook. Fuulduras ofittoo tokko malee qabeenyaa fi beekumsa keenya mallattoo tokkummaa keenyaa kan ta’e ijaarsa hidha haaromsaaf ni oolchina jedhaniiru.