Hiriirri deeggarsaa Raayyaa Ittisa Biyyaa magaalaa Asoosaatti geggeeffameera.

Caamsaa 20 /2015 (TOI) - Hiriirri deeggarsa Raayyaa Ittisa Biyyaa naannoo Beenishaangul Gumuz magaalaa Asoosaatti geggeeffameera.

 Hiriira kanarratti jiraatoonni magaalichaafi naannaawwa ishee hedduun hirmaataniiru.

Kanneen hiriira kanarratti hirmaatanis harka keessaa raayyaa ittisa biyyaa sabdaneessa ta'erra harka keessan kaasaa, Finxaaleeyyiin tokkummaan uummata akka diigamuuf hojjetan seeraan haa gaafataman ergaa jedhu qabatanii bahaniiru.

Hoggantoonni mootummaa naannichaas hiriira kanarratti ergaa dabarsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015