Hiriirri deeggarsa Raayyaa Ittisa Biyyaa Godina Walaayitaa, Geedi'oo fi Oomoo Kibbaatti geggeeffame

220

Caamsaa 20/2015 (TOI): - Naannoo Kibbaa Godina Geedi'oo, Walaayitaa fi Oooo Kibbaattii hiriirri ummataa deeggarsa Raayyaa Ittisa Biyyaaf geggeeffameera.

Jiraatoonni godinalee kanneen kan hiriiricharratti hirmaatan maqa balleesiin Raayyaa Ittisa Biyyaa aarsaa lubbuu kanfalee birmadummaa biyyaa tiksurratti geggaffamu haa dhaabatu, Uummata jiddutti shakkiifi jibba facaasuun fedhii aangoo ofii guuttaachuun hin danda'amu,  Finxaaleeyyiin daldaloota siyaasaati malee bakka bu'oota uummata kamiiyyuu miti, Kanneen gochaa tokkummaafi waliin jireenya uummataa diiguu hojjetan seeraan haa gaafataman ergaa jedhu qabatanii bahaniiru.

Hiriira kanarratti dargaggoota dabalatee kutaaleen hawaasaa adda addaa hirmaataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015