Godina Wallagga Lixaafi Arsii Lixaatti hiriirri deeggarsa Raayyaa Ittisa Biyyaa geggeeffameera. - ENA Afaan Oromoo
Godina Wallagga Lixaafi Arsii Lixaatti hiriirri deeggarsa Raayyaa Ittisa Biyyaa geggeeffameera.

Caamsaa 20/2015(TOI) - Godina Wallagga Lixaafi Arsii Lixaatti hiriirri deeggarsa Raayyaa Ittisa Biyyaa geggeeffameera.
Godina Wallagga Lixaa magalaa Gimbiitti kutaaleen hawaasa adda addaa hiriira bahuun deeggarsa Raayyichaaf qaban mul'isniiru.
Kanneen hiriiricharratti hirmaatanis "maqa balleessii raayyaa ittisa biyyaa birmadummaa biyyaa kabachiisuurratti bobba'ee jirurratti taasifamu ni balaaleffanna, Raayyaan Ittisa Biyyaa mallattoo tokkummaa Itoophiyaati, Raayyaan Ittisa Biyyaa ija keenya dhaadannoo jedhu dhageesisaniiru.
Haaluma walfakkaatuun Godina Arsii Lixaatti hiriirri deeggarsa Raayyaa Ittisa Biyyaa aanaalee, bulchiinsota magaalaa godinichaa, magaalaa Shaashamanneefi Dodolaa hirmaachise magaalaa Shaashamanneetti gaggeeffameera.
Hawaasni hiriira kana irratti hirmaates Raayyaan Ittisa biyya wabii lammiilee biyya keenyaa ta'uudhaan biyya diiggamuu irraa baraaree cinaa ni dhaabbanna,
Raayyaan Ittisa Biyyaa wardiyaa sabaafi sablammoota biyyaa keenyaati erga jedhu qabatanii bahaniiru.