Hiriirri deeggarsa Raayya Ittisa Biyyaa Hawaasaatti geggeeffama.

166

Caamsaa 20/ 2015 (TOI) - Hiriirri deeggarsa Raayya Ittisa Biyyaa naannoo Sidaamaa magaalaa Hawaasaatti geggeeffama.

Hirimaattoonni hiriira kanarratti hirmaachaa jiranis "Imaalli tokkummaa keenya finxaaleyyiin hin gufatu", " Nun jiraatoonni naannoo Keenyaa Raayya Ittisa Biyyaa keenya waliin jira" dhaadannoo jedhu dhageesisaniiru.

Akkasumas dhaadannoo "Nageenyi keenya tokkummaa keenyaan ni  eeggana", "Miseensota Raayyaa Ittisaa lubbuu isaanii qaalii nuuf kennaniif ulfinaa olaanaa qabna", "Itoophiyaan gootota ishee gonkumaa hin dagattu"  jedhus qabatanii bahaniiru.

Hiriira kanarratti  Aanaalee godina Sidaamaa fi Bulchiinsa Magaalaa Hawaasaa irraa jiraattonni hedduun, hojjettoonni mootummaa fi kutaaleen hawaasaa adda addaa  hirmaataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015