Magaalaa Jimmaa, Roobee fi Adaamaatti hiriirri deeggarsa Raayyaa Ittisa Biyyaa geggeeffama jira.

Magaalaa Jimmaa, Roobee fi Adaamaatti hiriirri deeggarsa Raayyaa Ittisa Biyyaa geggeeffama jira.

Caamsaa 20/2015 (TOI):- Magaalaa Jimmaa, Roobee fi Adaamaatti hiriirri deeggarsa Raayyaa Ittisa Biyyaa jiraatoota magaalichaan geggeeffama jira.

Jiraatoonni magaaloota kanneeniifi naannaawwaa isaanii hiriiricharratti hirmaataan Raayyaan Ittisa Biyyaa mallattoo birmadummaa biyya keenyaati, Raayyaa Ittisa Biyyaatti dabalamnee biyya keenya ni tiksina, Raayyaa Ittis Biyya ni kabajna, ni jaalanna, waan hundaan cinaa isaa ni dhaabbanna dhaadannoo jedhu dhageesisaniiru.

Akkasuma Mallattoo Itoophiyaa kan ta'e Raayyaa Ittisa Biyyaa maqaa balleesuun fedhii aangoo ofii guuttachuun hin danda'amu, Finxaaleyyiin tokkummaan uumataa akka laafu hojjetan seeraan haa gaafataman ergaa jedhus qabatanii bahaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015