Paartiin badhaadhinaa qorannoo raawwii hojii baatii 10nii adeemsisaa jira - ENA Afaan Oromoo
Paartiin badhaadhinaa qorannoo raawwii hojii baatii 10nii adeemsisaa jira

Caamsaa 19/2015(TOI)- Paartiin badhaadhinaa qorannoo raawwii hojii baatii 10nii adeemsisaa akka jiru ibse
Waltajjiin kun dhiheenya haala gaddisiisaan lubbuusaanii kan dhaban miseensa hojii raawwachiisaa paartichaa obbo Girmaa Yeshiixilaaf kadhannaa sammuu daqiiqaa I taasisuun jalqabame.
Itti gaafatamtoonni waajjiraalee damee hundaa marii kanarratti kan argaman yemmuu ta’u, karoorri paartiin badhaadhinaa baatiiwwan 10 darban caasaa gubbaarraa amma gadiitti raawwachuuf karoorse maalirra akka jiran qorachaa jira.
Kana malees karoorri akka paartiitti qabaman jalqaba bara bajataarratti akkaataa karoorfamaniin akka raawwatan karoorri galma hingeenyes yeroo hafe kaassatti haala xumuramanirratti kallattiin nikaa’ama jedhameetu eegama.
Baatii 10 darbanitti hojiiwwan damee hundaan hojjetaman gabaasni waliigalaa ibsamuun qorannoof banaa akka ta’u hirmaattotaaf dhihaateera.
Keessumaa baatiiwwan 10 darban hojiiwwan siyaasaa, komunikeeshinii, gurmaa’insaa, dandeettii paartii ammam milkaa’inaan akka raawwataman gadi fageenyaan kan ilaalaman akka ta’e fuula marsariitiisaarratti ibseera.
Qorannoo raawwii hojii baatii 10niin alattis kallattiiwwan bara bajataa 2016 maal akka fakkatan ilaaluu yemmuu ta’u itti aanaa pirezidaantii paartii badhaadhinaa obbo Adam Faaraahiin ibsi akka taasifamu ni eegama.
Xumura waltajjichaarratti ganna dhufu hojiiwwan hawaasaa fi miseensota paartii badhaadhinaa, hoogganaa fi deeggaraa hirmaachisuun hojjetamanirratti kallattiin kan kaa’amu yemmuu ta’u hojiiwwan qonnaa, ashaaraa magariisaa fi tola ooltummaarratti xiyyeeffatan akkaataa itti raawwatamuu qabanirratti mariin akka taasifamu ibsameera.