Fooramiin dubartoota hooggantootaa Oromiyaa Magaalaa Adaamaatti Adeemsifamaa jira

164

Caamsaa 19/2015 (TOI) - Fooramiin dubartoota hooggantootaa mata duree “hooggansi dubartootaa badhaadhina waloof” jedhuun magaalaa Adaamaa galma Abbaa gadaatti adeemsifamaa jira.

Af-yaa’iin Caffee Oromiyaa adde Sa’aadaa Abduraahimaan, sadarkaa pirezidaantii itti aanaatti itti gaafatamtuum biiroo galiiwwanii Oromiyaa adde Maskaram Dabbabaa fi hooggantoonni naannichaa fi federaalarraa walitti baba’an Fooramii kanarratti Argamaniiru.

Fooramichi dandeettii hooggansaa dubartootaa gabbisuun qoona ijaarsa biyyaa keessatti qaban guddisuuf kan kaayyeffate ta’uun ibsameera.

Keessumaa waggootii jijjiiramaa shaman keessatti dubartoonni nageenya biyyaa cimsuuf, misoomaa fi guddina si’achiisuuf qooda bahachaa turan caalaatti itti fufsiisuun imala badhaadhinaa dhugoomsuu keessatti qooda adda duree akka bahan dandeessisuuf yaadamuun ibsameera.

Dubartoonni hooggantoota bakka bu’an gama horachuutiin qoodasaanii guddisuu haala danda’anirratti kallattiin ni kaa’ama jedhameetu eegama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015