Walta’iinsi tumsa hunda galeessaa fi tarsiimawaa Itiyoo-Chaayinaa bu’aa qabatamaa fideera-Itti aanaa pirezidaantii Chaayinaa Haan Jeeng

206

Caamsaa 18/2015 (TOI)- Walta’iinsi tumsa hunda galeessaa fi tarsiimawaa Itiyoo-Chaayinaa bu’aa qabatamaa fiduusaa itti aanaa pirezidaantii Chaayinaa Haan Jeeng ibsan.

Itti aanaa pirezidaantichi itti aanaa ministira muummee fi ministira dhimma alaa Dammaqaa Mokonnin simatanii haasofsiisaniiru.

Walta’iinsi tumsa hunda galeessaa fi tarsiimawaa Itiyoo-Chaayinaa bu’aa qabatamaa fiduusaa Haan Jeeng ibsaniiru.

Daawwannaan itti aanaa ministira muummee fi ministira dhimma alaan taasifame hariiroo kana cimsuuf carraa gaarii ni uuma jedhaniiru.

Itiyoophiyaan nageenya cimsuuf deebisanii dhaabuu fi ijaaruun akka milkaa’u yaalii taasiftuuf Chaayinaan tumsa barbaachisu akka taasiftu dubbataniiru.

Itti aanaa ministira muummee fi ministirri dhimma alaa Dammaqaa Mokonnin wayita kana deeggarsoota hunda galeessa Chaayinaan taasiftuuf galateeffataniiru.

Chaayinaan waggoota sadan darban Itiyoophiyaa cinaa dhaabachuudhaan ejjennoowwan qajeelfamarratti hundaa’e waltajjiiwwan idil addunyaarratti agarsiifte dinqisiifataniiru.

Hariiroo biyyoota lamaanii caalaatti cimsuun dhimmoota idil addunyaarratti waliin hojjechuun akka barbaachisu ibsuusaanii ministeerri dhimma alaa beeksiseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015