Dargaggoonni qooda misoomaa fi ijaarsa biyyaarratti qaban cimsanii itti fufuu qabu -Biiroo dargaggootaa fi ispoortii Oromiyaa

241

Caamsaa 18/2015 (TOI)- Dargaggoonni qooda misoomaa fi ijaarsa biyyaarratti qaban cimsanii itti fufuu qaban Biiroon dargaggootaa fi ispoortii Oromiyaa ibseera.

Konfaransiin dargaggootaa mata duree “dargaggootaa fi ijaarsa byyaa” jedhuun qophaa’e magaalaa Jimmaatti adeemsifameera.

Itti gaafatamtuun biiroo dargaggootaa fi Ispoortii naannoo Oromiyaa adde Saamiyaa Abdallaa akka jedhanitti, jijjiirama aarsaa dargaggoonni keenya kafalaniin dhufe itti fufsiisuuf cimanii hojjechuutu barbaahisa.

Dargaggoonni hirmaannaa misooma keessatti qaban cinaatti nageenya naannoosaa eeguun duudhaalee waliin jireenyaa fi walqixxummaa ummataa itti fufsiisuun gumaacha gochuu akka qaban ibsaniiru.

Dargaggoonni naannoo Oromiyaa jiran gochaa misoomaa fi oomishtummaa keessatti agarsiisaa jiran adde Saamiyaan galateeffatanii ijaarsa biyyaa keessatti qooda bakka bu’aa hinqabne akka qaban dubbataniiru.

"Seenaa kaleessaarraa kan nufayyadu irraa barannee nu mataan keenya seenaa caalu hojjennee dhaloota boruuf tursuu qabna” jedhan adde Saamiyaan.

Dargaggoonni naannoo Oromiyaa araada addaddaarraa bilisa ta’uun bakka hinmalle ooluurraa ofqusatanii misoomaa fi ijaarsa biyyaa keessatti qoodasaanii akka bahan waamicha dhiheessaniiru.

Bulchaan godina Jimmaa obbi Tiijaanii Naasir gamasaaniin dargaggoonni  godinichaa fi nmagaalaa Jimmaa hirmaannaa qamadii jallisii bonaa, oomisha dammaa gaagura ammayyaa, horsiisa loonii, damee qonnaa fi addaddaarratti Qaban cimsanii itti fufsiisuu akka qaban dubbataniiru.

Dargaggoonni Konfaransicharratti hirmaatan biyya eeguu, misoomsuu fi  ijaaruuf qophii ta’uu ibsanii, dargaggoonni itti gaafatama irraa eegamu tokkummaan bahuuf qophaa’uu akka qaban dubbataniiru.

"Sirna fooyyee dargaggootaaf mijatu Itiyoophiyaa keessa akka jiraatuu fi walqixxummaan, nageenyii fi misoomni akka dhufu hojjechuu mari’achuu fi itti gaafatamummaan hirmaachuun barbaachisaadha” jechuun ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015