Dargaggoonni Finfinnee bara bajataa kanatti tajaajila tola ooltummaatiin mana namoota dadhaboo 765 haaromsaniiru

229

Caamsaa 18/2015 (TOI)-Waldaan dargaggoonni Finfinnee bara bajataa keessa jirru kantti baatii sagal keessatti tajaajila tola ooltummaatiin mana namoota dadhaboo765 haaromsuusaa beeksise.

Tajaajilli tola ooltummaa dhalli namaa kafaltii malee boqonnaa sammuu argachuuf kaka’umsasaan hojii hojjetudha.

Hojii kana namni kamiyyuu kan itti hirmaatu yemmuu ta’u, irra guddeessa dargaggoonni kan itti hirmaatanii fi walitti dhufeenyi hawaasummaa, tokkummaa fi jaalalli caalaatti akka cimu dandeessisuunsaa ammoo ibsituu kanaati.

Baasii olaanaa mootummoonni hojii kanaaf baasan hambisuun dinagdee biyyootaa cimsuun alatti hojiin birrii miiliyoonaan lakkaa’amu hojjechuu hin dandeenye tola ooltummaan nihojjetama.

Haala Kanaan dargaggoonni biyya keenyatti ilaalcha namoomaan kaka’anii hawaasaaf fedhiisaaniitiin gargarsa barbaachisu  taasisan waggaa waggaan dabalaa dhufeera.

Barreessaan olaanaa waldaa dargaggoota Finfinnee Yihuneny Mahaammad hojiiwwan bara bajataa 2015 baatii sagal darbe hojjetamanii fi tajaajila tola ooltummaa gannaa fi bonaa itti aanu ilaalchisuun TOI waliin turtii taasiseera.

Dargaggoonni miseensa waldichaa ta’an hedduun walgargaaruun baatiiwwan sagal darban tajaajila tola ooltummaa gannaa fi bonaan mana namoota dadhaboo 765 guutummaa fi walakkaan haaromsuusaanii dubbataniiru.

Dargaggoonni tola ooltotaa kunneen mana haaromsuun cinaatti hojii tiraafikaa, lammiilee bakkeewwan addaddaatii waldhaansaaf dhufan waldhaanuun, maaddii qooduu fihojiilee misoomaa addaddaarratti hirmaachuusaanii dubbataniiru.

Keessumaa haaromsi manaa kun qaamolee mootummaa fi mitmootummaa, baasii waldichaa, maallaqa miseensarraa sassaabamee fi deeggarsa hawaasaatiin raawwatamuusaa ibsaniiru.

Hojii kana baatii Waxabajjii bara 2015 irraa kaasee amma xumura bara bajataa kanaatti hojiiwwan tola ooltummaa addaddaatiin itti fufuuf hojiileen haalduree hojjetamaa akka jiran dubbataniiru.

Hojiin tola ooltummaa kamiyyuu wayitiirratti hundaa’uu akka hinqabne ibsanii, namni humna qabuu fi itti gaafatamni itti dhadahamu hundi xiyyeeffannoo kennuufii qaba jedhaniiru.

Dargaggoonni tajaajila tola ooltummaa kennuun cinaatti nageenya naannoosaanii eegsisuu keessatti adda duree ta’uun qoodasaanii bahuun akka irraa eegamu dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015