Naannoo Gaambeellaatti nageenya waaraa mirkaneessuuf qaamoleen nageenyaa sadarkaan jiran cimanii hojjechuu qabu-Pirezidaant Umad Ujuluu

183

Caamsaa 18/2015 (TOI)- Naannoo Gaambeellaatti nageenya waaraa mirkaneessuuf qaamoleen nageenyaa sadarkaan jiran cimanii hojjechuu akka qaban Pirezidaantiin naannichaa Umad Ujuluu hubachiisan.

Rakkoo nageenyaa aanaa addaa Itaang fi magaalaa Gaambeellaatti dhiheenya mudatee ture ilaalchisuun qaamoleen hooggansa nageenyaa naannoorraa amma aanaatti jiran har’a magaalaa Gaambeellaatti marii jalqabaniiru.

Qaamoleen nageenyaa federaalaa, naannoo, godinaa fi aanaa marii kanarratti hirmaataniiru.

Hojiiwwan misoomaa fi bulchiinsa gaarii naannoo Gaambeellaatti jalqabaman bu’a qabeessa taasisuun kan danda’amu nageenya amansiisaa fi waaraa buusuun wayita danda’ame ta’uu pirezidaantiin naannichaa Umad Ujuluu ibsaniiru.

Kanaaf qaamoleen poolisii fi nageenyaa naannichaa sadarkaan jiran walabummaan, walqixxummaa fi amanamummaan itti gaafatama ummata tajaajiluuf itti kenname bahachuu akka qaban himaniiru.

Qaamoleen nageenyaa sadarkaan jiranis ummata waliin ta’uun cimanii hojjechuu qabu jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015