Baatiiwwan 10 bara bajataa kanatti dhaabbilee kuma 1 fi 458’f  murteen komee taaksii kennameera-ministeera galiiwwanii

Caamsaa 18/2015 (TOI)-Baatiiwwan 10 bara bajataa 2015tti dhaabbilee kuma 1 fi 458’f nurteen komee taaksii kennamuusaa ministeerri galiiwwanii beeksise.

Dhimmoota madda komee ta’an adda baasuun fooyya’iinsi seeraa fi hojmaataa taasifamaa akka jiru ibseera.

Ministeera galiiwwaniitti ogeettiin gaggeessituu waajjira qulqulleessaa komee murtee taaksii adde Tsahaay Habtee baatii 10 bara bajataa kanaatti faayiloota bara 2014 irraa cehan dabalatee waliigala dhaabbileen kuma 1 fi 553 birrii biiliyoona 26 fi miiliyoona 37 oliif komee murtee taaksii dhiheessuusaanii ibsaniiru.

Kanneen keessaa dhaabbilee kuma 1 fi 458’f birrii biiliyoona 23 fi miiliyoona 255 fi kuma 257’f murteen kennamuusaa himaniiru.

Dhaabbileen 95 komeen murtee taaksii birrii biiliyoona 2 fi kuma 850 fi 479’f dhiheessan  gara Caamsaa bara 2015tti darbuusaa eeraniiru.

Murtee Kanaan alattis dhimmoota irra deddeebi’uun madda komee ta’an adda baasuun fooyyessa seeraa fi hojmaataa taasisuun akkasumas leenjii kennuu fi hojiileen hordoffii fi deeggarsaa taasifamaa akka jiru ibsuusaanii odeeffannoon ministeera galiiwwaniirraa argame nimul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015