Abbaan taayitaa miidiyaalee ItiyoTelevijinii Piraayimiif ofeeggannoo Xumuraa kenne - ENA Afaan Oromoo
Abbaan taayitaa miidiyaalee ItiyoTelevijinii Piraayimiif ofeeggannoo Xumuraa kenne

Caamsaa 17/2015(TOI)- Abbaan taayitaa miidiyaalee ItiyoTelevijinii Piraayimiif ofeeggannoo Xumuraa kennuusaa beeksise.
Abbaan taayitichaa ibsa ergeen lakkofsi labsii miidiyaalee Itiyoophiyaa 1238/2013 miidiyaaleen qabiyyeewwan lammiilee jidduutti waliin jireenya diiguu fi kutaaleen hawaasaa addaddaa akka wal hin amanne taasisan tamsaasuurraa akka of qusatan dirqama akka kaa’u ibseera.
Akkaataa heera mootummaa federaalaa, labsii miidiyaalee fi seeronni addaddaa Kanaan walqabatan miidiyaaleen keessumaa tamsaasa duudhaalee waloo diigan, waldanda’uun akka hinjiraanne sababa ta’anii fi lammiilee jidduutti walitti bu’iinsa kakaasan dabarsuurraa akka ofqusatan nituma.
Televijiniin Piraayim yeroo dhihootii asitti oduuwwanii fi sagantaawwan tumaalee kana diigan tamsaasaa turuusaa hordoffii taasifneen mirkaneessineerra kan jedhe abbaan taayitaa kun akka ofsirreessu dubdeebiin kennamuusaa fi mariinis taasifamuusaa ibseera.
Haa ta’u malee dogoggorasaa itti fufuusaa fi waliin jireenya lammiilee kan miidhan dhimmoota amantaa ofeeggannoo olaanaa barbaadan ilaalchisuun qabiyyee faallaa fi seera cabsan tamsaasuun lammiilee dhiphina hinmallee fi balaaf saaxiluuf deemaa akka jiru hubatamuusaa abbaan taayitichaa beeksiseera.
Haala Kanaan Televijiniin Piraayim akkaataa biroodkaastara daldalaa daldalaatti dirqama walii galtee fi kaayyoo itti dhaabateetiin hojiin hinmalle ta’uu ibsuun gochasaarraa akka ofsirreessu ofeeggannoon xumuraa akka kennameef abbaan taayitaa miidiyaalee Itiyoophiyaa beeksiseera.