Naannoo Oromiyaatti sagantaa ashaaraa magariisaa baranaaf biqiltuun biiliyoona 4 ol qophaa’eera-Biiroo qonnaa naannichaa

335

Caamsaa 17/2015 (TOI)- Naannoo Oromiyaatti sagantaa ashaaraa magariisaa baranaaf biqiltuun biiliyoona 4 ol qophaa’uusaa biiroon qonnaa naannichaa beeksise.

Itti aanaa itti gaafatamaan biiroo qonnaa naannoo Oromiyaa Eliyaas Kadir, sagantaa ashaaraa magariisaa marsaa 4ffaaf naannoo Oromiyaatti biqiltuuwwan biiliyoona 4 ol dhaabamuusaanii dubbataniiru.

Biqiltuuwwan ashaaraa magariisaan dhaabaman madaallii naannawaa eeguun hojii eegumsa biyyoo fi bishaanii fooyyessuun qooda olaanaa bahaa akka jiran ibsaniiru.

Sagantaa ashaaraa magariisaa baranaatiif naannichatti biqiltuuwwan biiliyoona 4 tuqaa 9 qophaa’uusaa eeranii, biqiltuuwwan fuduraaf xiyyeeffannoon kennamee qophiin taasifamaa akka  ture dubbataniiru.

Bakka biqiltuun dhaabamu filachuu fi qophiin boollaa dursee jalqabamuusaa ibsaniiru.

Waggoottan arfan darban sagantaa ashaaraa magariisaatiin naannichatti biqiltuuwwan biiliyoona 13 tuqaa 6 dhaabamuu eeranii, kana keessaa dhibbantaan 88 tuqaa 6 qabateera jedhan.

Yuunivarsiitii Haroomayaa waliin ta’uun baatii bonaa sululoota kuma 6 fi 450 irratti hojiin eegumsa biyyoo fi bishaanii hojjetamuusaa dabalanii ibsaniiru.

Kana malees lafti heektaarri kuma 500 ol kan qullaatti hafe tuttuqaan ala taasisuun akka danda’ame

Waxabajjii 15 bara 2015 irraa kaasee sadarkaa naannootti sagantaan ashaaraa magariisaa akka adeemsifamu eeranii, kanaafis kutaalee hawaasaa hedduu tola ooltummaan hirmaachisuuf haaldureen xumuramuu dubbataniiru.

Sagantaa ashaaraa magariisaa bara kanaatiin sadarkaa biyyaalessaatti qophiin biqiltuu biiliyoona 6 tuqaa 5 taasifamaa akka jiru ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad beeksisuunsaanii niyaadatama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015