Misooma qonnaa ammayyeessuu fi oomishtummaa guddisuuf hojiileen misoomaa qorannoo fi qu’annoon deeggaramanii jalqabaman cimanii itti fufu- biiroo qonnaa naannoo Oromiyaa - ENA Afaan Oromoo
Misooma qonnaa ammayyeessuu fi oomishtummaa guddisuuf hojiileen misoomaa qorannoo fi qu’annoon deeggaramanii jalqabaman cimanii itti fufu- biiroo qonnaa naannoo Oromiyaa
Caamsaa 17/2015 (TOI)- Misooma qonnaa ammayyeessuu fi oomishtummaa guddisuuf hojiileen misoomaa qorannoo fi qu’annoon deeggaramanii jalqabaman cimanii akka itti fufan biiroo qonnaa naannoo Oromiyaa ibse.
Itti gaafatamaan biiroo qonnaa Oromiyaa Geetuu Gammachuu bu’aalee misooma qonnaatiin argaman akkasumas karoora itti aanan ilaalchisuun TOI walii turtii taasisaniir.
Misooma qonnaa hojmaatilee ammayyaatiin deeggaruun bu’a qabeessa taasisuuf hojiiwwan qorannoon deeggaraman hojjetamaa akka jiran ta’uu ibsaniiru.
Qorannoon haala qonnaa biyyattii akkasumas naannichaaagarsiisu waggaa lama dura adeemsifamuusaa yadachiisanii, haala Kanaan naannichatti xiyyeeffannaa kan barbaadan 28 adda baafamanii hojjiirra ooluun bu’aa fidaa ajiran himaniiru.
Kanneen xiyyeeffannoon kenname keessaa oomishoota biyyarra darbanii gabaa addunyaaf dhihaachuu danda’an bal’inaan oomishuun isa tokko ta’uu itti gaafatamaan kun eeraniiru.
Kanaaf misooma qonnaa ammayyeessuu fi oomishtummaa guddisuuf hojiileen qorannoo fi qu’annoon deeggaramanii jalqabaman cimanii itti fufu jedhaniiru.
Oomishoonni qamadii, garbuu, ruuzii avokaadoo fi kanneen biroo misooma qonnaa gabaan durfamuutiin naannichatti xiyyeeffannoon addaa kennameefii gabaa alaaf dhiheessuun jalqabamee bu’aan qabatamaan argamuusaa obbo Geetuun ibsaniiru.
Oomisha bunaa dabalatee oomishoonni kuduraa fi muduraa addaddaa oomishtummaa guddisuurra darbee madda galii ta’uusaanii himaniiru.
Bu’aalee beelladaa, oomisha lukkuu fi dammaa ilaalchisuun gama hojiirra oolchuutiin hir’inoonni akka jiran eeranii, yeroo ammaa karaa ammayyaa babal’isuun jalqabameera jedhan.
Hojiilee jalqabaniin oomishni bunaa dabalata fooyyee agarsiisus fuuldura baay’ee hojjechuutu barbaachisa kan jedhan itti gaafatamaan biiroo qonnaa Oromiyaa, misooma kana itti fufsiisuuf keessumaa dhiheessii galteef xiyyeeffannoon kennameeraaf jedhan.