Manneen barnootaa Mooskoo keessatti afaan Amaariffaa barsiisuun jalqabamuufi

232

Caamsaa 17/2015 (TOI)- Akka lakkoofsa Awurooppaatt Fulbaana 2023 irraa kaasee manneen barnootaa Mooskoo keessatti afaan Amaariffaa barsiisuun jalqabamuuf akka ta’e beekameera.

Tajaajilli oduu Ruusiyaa fi tajaajilli tamsaasa Raadiyoo Ruusiyaa Ispuutniik Intarnaashinaal marii walta’iinsa dinagdee Ruusiyaa-Afriikaarratti xiyyeeffate adeemsiseera.

Mariin kun kan adeemsifame deeggarsa fandii paabliik dippilomaasii Aleksaandar Gorchaakoov fi jiddu galeessa deeggarsa namoomaa ta’uun ibsameera.

Hayyoonni fi qorattoonni seenaa Ruusiyaa fi Yuunivarsiitiiwwan Afriikaa addaddaarraa walitti baba’anii fi hooggantoonni maree kanarratti argamaniiru.

Daarektarri Inistiitiyuutii qorannoo Isiyaa Afriikaa Aleeksii Maasloov manneen barnootaa Mooskoo afur akka lakkoofsa Awurooppaatti Fulbaana bara 2023 irraa jalqabee afaan Amaariffaa fi Siwaahilii daa’imman barsiisuu akka eegalan eeraniiru.

Sagantaa haaraa addaa Kanaan manneen barnootaa Mooskoo keessatti afaan Naayijeeriyaa Ruubaa haalli itti barsiisan mijachaa akka jiru himaniiru.

Ogeeyyota guddina dinagdee Afriikaa hubatan horachuun nibarbaachisa kan jedhan daarektarri kun “Afriikaan Ardii ta’uurra darbitee eennyummaan aadaa, afaan, amantaa fi sabdaneessummaa addaddaa kan qabdu ta’uu hubachuun nibarbaachisa” jechuun ibsaniiru.

Hirmaattonni maree kanaa walta’iinsa Afriikaa fi Ruusiyaan damee barnootaan qaban gabbisuun akka barbaachisu dubbataniiru.

Invastimantii qonnaa dabalatee walta’iinsa addaddaa biyyoonni lamaan qaban cimsuu fi itti fufsiisuun akka barbaachisu kaasaniiru.

Mareen kun qaama qophii ogeessotaa fi barnootaa Ruusiyaa, jiddugaleessa bahaa fi biyyoota Afriikaa jidduutti walta’iinsa haaraa uumuuf kaayyeffate ta’uu odeeffannoon tajaajila oduu Ruusiyaa fi tajaajila tamsaasa Raadiyoo Ispuutniik Intarnaashinaalirraa argame nimul’isa.

Tajaajilli oduu Itiyoophiyaa fi Ispuutniik Intarnaashinaal Ruusiyaan baatii Fulbaanaa bara 2012 waliigaltee waliin hojjechuu isaan dandeessisu mallatteessuunsaanii niyaadatama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015