Pirojektiin Oomisha qonnaa dabalatee oomishoota kanneen biroo akka kalaqa sammuutti akka eegaman taasisuu nidandeessisa jedhame ifoome

443

Caamsaa 16/2015(TOI)- Pirojektiin Oomisha qonnaa dabalatee oomishoota kanneen biroo akka kalaqa sammuutti akka eegaman taasisuu nidandeessisa jedhame ifoomeera.

Pirojektiin kun waggaa sadiif hojiirra kan oolu yemmuu ta’u baasii kanaaf oolu ejensii misooma Faransaayitu akka danda’u ibsameera.

Ministirri Inniveeshinii fi teeknooloojii doktar Ballaxaa Mollaa Itiyoophiyaan oomishoota qonnaa bebbeekamoo qabdu eegumsa kalaqa sammuutiin eegsisuun faayidaa hedduu akka qabu ibsaniiru.

Seera baasuun cinaatti oomishoota qonnaa Itiyoophiyaa gurguddoo keessaa olaanaa kan ta’e oomisha bunaarratti xiyyeeffannoo addaa kennuusaa dinqisiifataniiru.

Abbaa taayitaa qabeenya kalaqa sammuu Itiyoophiyaatti hojii raawwachiisaan gaggeessaa beekumsa hawaasaa obbo Taaddasaa Warquu gamasaaniin, pirojektiin bu’ura seeraa ofkeessaa qabu kun oomishoota Itiyoophiyaa keessatti maqaa bakkaan ibsamaniif eegumsa mirga kalaqa sammuu kan taasisudha jedhan.

Kun ammoo qaamolee oomisha oomishan dorgomaa  akka taasisu ibsaniiru.

Pirojektiin kun bu’ura seeraa fi sirna hojmaataa bakkeewwan Itiyoophiyaa keessatti argaman kan agarsiisuu akka diriirfamu kan dandeessisuta’uusaa beeksisaniiru.

Kanaaf labsii fi danbii qopheessuun mallattoolee daldalaa abbummaa eeggsisuuf yaalii taasifamaniin alattis oomishoota addaddaa qulqullina bakkeetiin eeraman sirna akka qabeenya kalaqa sammuutti ittiin eegaman uumuuf  pirojektichi faayidaa murteessaa qaba jedhan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015