Fooramiin raaga haala qilleensaa Afriikaa bahaa 64ffaa Finfinneetti adeemsifamaa jira

370

Caamsaa 16/2015(TOI)- Fooramiin raaga haala qilleensaa Afriikaa bahaa 64ffaa Finfinneetti adeemsifamaa jira.

Inistiitiyuutiin Meetirooloojii Itiyoophiyaa  jiddu galeessa raga qilleensaa ‘IGAD’ waliin ta’uun fooramii kana qopheessaniiru.

Ministirri bishaanii fi inarjii Injiinar Habtaamuu Ittafaa, daarektara itti aanaa inistiitiyuutii meetirooloojii Itiyoophiyaa Kinfee Hayilamaaram dabalatee miseensonni biyya ‘IGAD’ fi qooda fudhattoonni damee kanaa baniinsa fooramii kanarratti argamaniiru.

Fooramiin waggaatti al sadii adeemsifamu kanarratti barreeffamoonni qorannoo jijjiirama haala qilleensaarratti xiyyeeffatan, mariin paanaalii ni adeemsifamu.

Fooramiin kun saayintistoota,qorattoota, fayyadamtoota damee hawaasummaa fi dinagdee, dhaabbilee mootummaa fi mit mootummaa, deeggartoota misoomaa, kanneen murtee kennan, dhaabbilee miidiyaa fi dhaabbilee hawaasa hawaasa siviilii ofjalatti qabateera.

Fooramichi biyyoonni miseensotaa balaa sababa jijjiirama haala qilleensaan mudachuu danda’an hojmaata qindoominaa raga qilleensaatiin dursanii hojjechuuf akka gargaaru ibsameera.

Fooramiin raaga jjjiirama haala qilleensaa Afriikaa Bahaa 64ffaa sadarkaa ogeessotaan guyyoota lamaan darban adeemsifamaa ture mariihooggantoota olaanoo har’a adeemsifamuun nixumurama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015