Sadarkaa biyyaatti sosochiin sadarkaa manneen barnootaa fooyyeessuuf dandeesisu geggeeffamuuf.

Caamsaa 15/2015(TOI) :- Ji'oota lamaan dhufan keessa sadarkaa biyyaatti sosochiin sadarkaa manneen barnootaa fooyyeessuuf dandeesisu geggeeffamuuf akka jiru Ministirri Barnootaa Piroofesar Biraanuu Naggaa himan.

Piroofesar Biraanuu Naggaan gabaasa raawwii hojii ji'a sagalii kan bara 2015 mana maree bakka bu'oota Uummataaf dhiheessaniiru.

Gabaasa isaaniin sadarkaa manneen barnootaa fayyeessuun rakkoo baruufi barsiisuurratti jiru sirreessuuf hojiiwwaan adda addaa hojjetama akka jiru eeraniiru.

Kanaaf ji'oota dhufaan lamaan keessa sadarkaa biyyaatti sosochii fayya'insa manneen barnootaa gargaaru akka geggeeffamu himaniiru. Sosochii kana keessatti qaamolee dhimmi ilaallatu hundi akka hirmaatan himaniiru.

Sadarkaa biyyaatti manneen barnotaa kuma 48 jiraachuu himanii, manneen barnootaa kunneen sadarkaa isaan irra jiran qoratamuu himaniiru.

Haala qorannoo kanaan manneen barnootaa hedduun sadarkaa barbaadamuu kan hin gunnee ta'uun hubatamuu ministirichi gabaasa isaaniin eeraniiru. Kanaaf sadarkaa manneen barnoota kana foyyeessuun barbaachisaadha jedhaniiru.

Hawaasa hirmaachisuun birrii biliyoona 11.3'n Bu'uuralee misooma barbaachisan manneen barnootaaf guutuuf hojii hojjetameen manneen barnoota kuma 8 fi 702 suphamanii tajaajila akka kennaan taasifameera jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015