Lammiilee Tajaajila Tola Ooltummaatti Hirmaachisuun Rakkoolee Hawaasummaaf deebii kennuuf xiyyeeffannoon Hojjetamaa jira-Itti aanaa ministira muummee fi ministira dhimma alaa Dammaqaa Mokonnin

233

Caamsaa 15/2015(TOI)- Mootummaan lammiilee Tajaajila Tola Ooltummaatti Hirmaachisuun jireenya kutaalee hawaasaa Rakkoolee Hawaasummaaf saaxilaman fooyyessuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa akka jiru itti aanaa ministira muummee fi ministirri dhimma alaa Dammaqaa Mokonnin dubbatan.

Ministirri dubartootaa fi dhimma hawaasummaa baankii addunyaa waliin ta’uun mata duree ‘Itiyoophiyaatti eegumsa hawaasummaa ijaarsa biyyaaf’ jedhuun yaa’iin guyyoota lamaaf turu adeemsisaa jira.

Yaa’iin kun eegumsa hawaasummaa, misooma waaraa fi walitti hidhiinsa hawaasummaaf akkasumas qooda ijaarsa biyyaaf qaburratti hubannoo uumuuf kan kaayyeffatedha.

Kana malees dhaabbilee mootummaa fi mitmootummaa, damee dhuunfaa fi deeggartoota misoomaa jidduutti gamtaa cimsuuf kan kaayyeffatedha.

Itti aanaa ministira muummee fi ministira dhimma alaa Dammaqaa Mokonnin dabalatee hooggantoonni olaanoo,bakka bu’oonni dhaabbilee misoomaa idil Afriikaa fi idil addunyaa yaa’ii kanarratti hirmaachaa jiru.

Itti aanaa ministira muummee fi ministirri dhimma alaa Dammaqaa Mokonnin akka jedhanitti, weerarri kooviid-19 fi dhiibbaawwan uumamaa fi nam-tolchee sadarkaa biyyaalessaatti walitti hidhiinsa hawaasummaarratti dhiibbaa olaanaa geessisaniiru.

Itiyoophiyaatti rakkooleen wal fakkaatan qormaata ta’anii turuusaanii eeraniiru.

Kanaaf mootummaan imaammattoota rakkoolee hawaasaaf deebii kennuu danda’an qopheessee carraa hojii bal’aa uumuurratti xiyyeeffatee hojjechaa jira jedhan.

Kana malees lammiilee tajaajila tola ooltummaan gurmeessuun hojiiwwan hiyyuma hir’isanii fi oomishtummaa fooyyessanirratti xiyyeeffatee rakkoolee hawaasummaa furuuf hojjetamaa akka jiru ibsaniiru.

Eegumsi hawaasummaa kabajamuu mirgoota namoomaa bu’uura kan kaa’uu fi hojii ijoo waliigaltee hawaasummaa mootummaa fi ummataa cimsu ta’uu dabalanii ibsaniiru.

Akka Kanaan imaammattoota walitti hidhiinsa hawaasummaa cimsan bu’aqabeessummaa hojiirra oolchuun addunyaa kana hinjedhamne keessatti hojiileen faayidaa lammiilee kabachiisuuf jalqabaman cimanii itti fufuu akka qaban hubachiisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015