Manni maree bakka bu'oota Uummataa yaa'ii idileesaa 21ffaa geggeessaa jira. - ENA Afaan Oromoo
Manni maree bakka bu'oota Uummataa yaa'ii idileesaa 21ffaa geggeessaa jira.

Caamsaa 15/2015 (TOI)- Manni Maree bakka bu'oota Uummataa yaa'ii idileesaa 21ffaa geggeessaa jira.
Barana eebbifamtoota dhaabbilee barnootaa olaanoo mootummaa fi dhuunfaa kuma 240 ta’aniif marsariitiin qormaata kennuuf qophii xumuruu Ministirri Barnoota Pirofeesar Biraanuu Naggaa himaniiru.
Bara 2015 sagantaa digirii jalqabaan kanneen eebbifamaniif qormaanni (”Blue Print”) akka qophaa’eef eeruun, wixineen qajeelfama tilmaamaa kaffaltii qormaata ba’iinsaa qophaa’uu Ministirri Barnootaa Pirofeesar Birhaanuu Naggaan gabaasa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf dhiyeessaniin ibsaniiru.
Qajeelfamni hojiirra oolmaa qormaata ba’iinsaa qophaa’ee gara hojiitti seenamuu ibsanii, qajeelfamni tarsiimoo qormaatichaa fi sagantaa hojiirra oolmaaf qophiin xumuramuu himaniiru.
Koorsiiwwan qormaanni ba’iinsaa irratti kennamu adda ba’uun, dameewwan barnootaa hundaatti qormaata eebbaan dura kennamaniif qormaanni moodelaa qophaa’uu himuu ragaan Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataarraa argame ni mul’isa.