Balaa uumamaa ittisuuf sirni akeekkachiisa dursaa cimaan diriirfamuu qaba jedhame.

342

Caamsaa 15/2015 (TOI): Balaa uumamaa sababa jijjiirama qilleensaatiin mudatan ittisuuf sirni akeekkachiisa dursaa cimaan diriirfamuu qaba jedhame.

Yaa'ii Kongireesii Dhaabbata Meetirooloojii Addunyaa 19ffaa Siwiizarlaand Jeeneevaatti gaggeeffamaa jiru irratti hirmaataa kan jira Deetaan Ministira Bishaaniifi Inarjii doktar Abrihaam Addunyaa jijjiiramni qilleensaa balaa uumamaa kanneen akka hongee, lolaa, ibidda bosona, fi sigiga lafaa fiduu rakkoo dinagdeefi hawaasumma cimaan akka umamu sababa ta’uu ibsaniiru.

Itoophiyaatti Kibbaafi Kibba bahaatti akkasuma biyyoota ollaatti hongeen walitti aansee waggoota shaniif ture namootaafi qabeenyaarraan miidhaa guddaa geesisuu akka fakkeenyaatti eeraniiru.

Balaawwaan tasaa ittisuuf sirna akeekkachiisaa dursaa diriirsuun cinaatti eegumsafi kununsaa naannoof xiyyeeffannoon addaa kennamuu akka qabu eeranii, hojiin ashaaraa magariisaa Itoophiyaan hojjechaa jirtu akka fakkeenyaatti fudhatamuu qaba jedhaniiru.

Sirna akeekkachiisa dursaa cimaa diriirsuu fi odeeffannoo dafanii kennuunis rakkoolee jijjiirama qilleensaatiin mudatu furuuf tarkaanfiiwwan fudhatamuu qaban keessaa isa tokko ta’uu ibsaniiru.

Itti dabaluunis sirni akeekkachiisa dursaa hordoffii fi to’annoo haayidiroo-meetirooloojikaalaa cimaa, bu’uuraalee misoomaa fi qindoomina qooda fudhattoota damichaa akka barbaadu ibsaniiru.

Odeeffannoon fuula miidiyaa hawaasaa Ministeera Bishaanii fi Inarjii irraa argame akka mul’isutti, Kongireessiin Dhaabbata Meetirooloojii Addunyaa 19ffaan Siwiizarlaand Jeeneevaatti gaggeeffamaa jiru guyyoota 10 dhufaniif itti fufa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015