Yaa’iin Biyyaalessaa Eegumsa Hawaasummaarratti Xiyyeeffate Gamtaa Afriikaatti Adeemsifamaa jira

Caamsaa 15/2015(TOI)- Yaa’iin Biyyaalessaa Eegumsa Hawaasummaarratti Xiyyeeffate Gamtaa Afriikaatti Adeemsifamaa jira.

Ministeerri dubartootaa fi dhimma hawaasummaa baankii addunyaa waliin ta’uun mata duree ‘Itiyoophiyaatti eegumsi hawaasummaa ijaarsa biyyaaf’ yaa’ii guyyaa lamaaf turu adeemsisaa jira.

Yaa’iin kun eegumsi hawaasaa, misooma waaraa fi walitti hidhiinsa hawaasummaa akkasumas ijaarsa biyyaaf qooda qaburratti hubannoo uumuuf kan kaayyeeffatedha.

Kana malees dhaabbilee mootummaa fi mitmootummaa, damee dhuunfaa fi deeggartoota misoomaa jidduutti gamtaa cimsuuf kan kaayyeffatedha.

Itti aanaa ministira muummee fi ministira dhimma alaa Dammaqaa Mokonnin dabalatee hooggantoonni olaanoo,bakka bu’oonni dhaabbilee misoomaa idil Afriikaa fi idil addunyaa yaa’ii kanarratti hirmaachaa jiru.

Qorannoowwan muuxannoon eegumsa hawaasummaa biyyoota alaa Itiyoophiyaa waliin walbira  qabuun ilaalan akka dhihaatan ni eegama.

Waltajjii Kanaan cinaatti egzibiishiniin dhaabbilee  garagaraa damee kanaa agarsiisus banameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015