Magaalaa Adaamaa, Shaashamannee fi Roobee Baaleetti bu'uuraaleen misoomaa adda addaa birrii biiliyoona 3 oliin hojjetamaa jiru - ENA Afaan Oromoo
Magaalaa Adaamaa, Shaashamannee fi Roobee Baaleetti bu'uuraaleen misoomaa adda addaa birrii biiliyoona 3 oliin hojjetamaa jiru

Magaalaa Adaamaa, Shaashamannee fi Roobee Baaleetti bu'uuraaleen misoomaa adda addaa birrii biiliyoona 3 oliin hojjetamaa jiru.
Caamsaa 14/2015 (TOI):- Magaalaa Adaamaa, Shaashamannee fi Roobee Baaleetti bu'uuraaleen misoomaa adda addaa birrii biiliyoona 3 oliin hojjetamaa jiraachuu kantiiboonni magaaloota kanneenii himan.
Bu'uuraaleen misoomaa magaaloota kanneenotti ijaaramaa jiran faayidaa hawaasummaa fi diinagdee jiraatoota isaanii kan dabalan ta'uu kantiibonnii magaaloota kanneenii himaniiru.
Kantiibaan Magaalaa Adaamaa obbo Haayluu Jaldee TOItti akka himanitti, magaalichatti bajanni birrii biiliyoona 1.3 ol ramaduudhaan hojiiwwan misoomaa adda addaa hojjetamaa jiru.
Keessattuu, sochii tiraafikaa magaalichaa mijeessuuf akkasuma nageenya eegsisuuf kaameraawwan nageenya daandii to'atan kaa’aamaa akka jiran himaniiru
Daandiiwwan lafoo kan ammayyaawwaa ta'es magaalacha naannaawwaa adda addaatti ijaaramaa jiraachuus eeraniiru.
Pirojektoonni adda addaa magaalichatti ijaaramaa jiranis dargaggoota kuma 30 ol ta’aniif carraa hojii uumuu ibsaniiru. Hojiin kunis cimee akka itti fufu eeraniiru.
Dargaggoonni magaalattii hedduun hojii horsiisa Lukkuurratti bobba'anii hojjechaa akka jiran himaniiru.
Kantiibaan magaalaa Shaashamannee obbo Adaanee Tikleegoorgis magaalichatti rakkoo dhiyeessii bishaan dhugaatii qulqulluu magaalattii firuuf boolla bishaan gadi fagoo birrii miiliyoona 88 qotamee tajaajila kennuu eegaluu himaniiru.
Buufata konkolaataa magaalachaa fooyyessuuf mootummaan naannichaa birrii miiliyoona 370 ol ramadee ijaarsarra akka jiru yaadachiisaniiru.
Walumaagalatti magaalichatto hojiiwwan misoomaa adda addaa birrii biiliyoona walakkaa oliin hojjetamaa akka jiran himaniiru.
Kantiibaan Magaalaa Roobee Baalee obbo Nigaatuu Mootummaa gama isaaniin akka jedhanitti, Magaalachatti hojiiwwan misoomaa Birrii biiliyoona 1 fi miiliyoona 270 oliin hojjetamaa jiru.
Kanneen keessaa ijaarsa daandii keessoo, daandii lafoo ammayyaawwaa fi hojiiwwan qulqullina magaalichaa eegisiisuufi jiraattotaaf hawwataa taasisuu akka ta’e dubbataniiru.